Fana: At a Speed of Life!

Ingiliz Fulbaana 5, 2022tti Muummee Ministiraa haaraa ni beeksifti jedhame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Ingiliz baatii faranjootaa Fulbaana 5,2022tti Muummee Ministiraa ishee haaraa kan beeksiftu ta’uu gabaafame.

Paartii Konsarvaatiivii biyyattii keessaa dorgomee kan mo’e bara faranjootaa Fulbaana 5, 2022 irraa eegalee hogganaa paartichaa fi Muummee Ministiraa biyyattii ta’uun kan filatamu ta’uu ibsameera.

Miseensonni paartichaa 11 dorgomuuf fedhii kan agarsiisan yoo ta’u, kaadhimamtoonni xumuraa lama paarlaamaan biyyattii boqonnaaf osoo hin bittinaa’iin dura kan beeksifaman ta’uu Anaadooluun gabaaseera.

Muummeen Ministiraa Biyyattii Booriis Joonsan guyyoottan dura Ministiroonnii fi hoggantoonni mootummaa 50 aangoo gadi lakkisuu hordofee aangoo isaanii gadi lakkisuuf murteessuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.