Fana: At a Speed of Life!

Aggaarootti ijaarsi pirojektiin bishaan dhugaattii birrii biliyoona 1.7 jalqabame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Godina Jimmaatti rakkoo bishaan dhugaatii hawaasa Magaalaa Aggaaroo furuuf ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatii Birrii biiliyoona 1.7’n eegalameera.

Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Jimmaa fi Dhaabbata Ijaarsaa Alamaayoo Tafaraa gidduutti wal harkaa fuudhiinsi saayitii ijaarsa pirojektii bishaanichaa gaggeeffameera.

Ijaarsi pirojektichaa Birrii biiliyoona 1.7 kan gaggeeffamu yoo ta’u, waggoota 3 keessatti xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf kan hojjatamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Jimmaa Obbo Mahaammad Kadiir ibsaniiru.

Godinichatti rakkoo bishaan dhugaatti pirojektoonni xixiqqaan 912 hojjatamanii hawasa kuma 100 ol fayyadamtoota akka taasisuu ibsaniiru.

Kantibaan Magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahaammad pirojektichi guutummaatti yemmuu xumuramu namoota kuma 123 oliif tajaajila kan kennu akka ta’e ibsaniiru.

Milkaa’ina pirojektichaaf hawaasa magaalichaa waliin deggersa barbaachisu akka taasisan eeraniiru.

Tasfaahuun kabbadaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.