Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti ijaarsa Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaaf Birrii biiliyoonni 1ol walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Bara baajataa darbetti ijaarsa Hidha Haaromsa Ityoophiyaa Guddichaaf Birrii biiliyoonni 1ol walitti qabamuu Waajjirri Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Biyyaalessaa Ijaarsa Hidha Haaromsaa beeksise.

Waajjirichi ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, ijaarsa Hidha Haaromsaa Ityoophiyaa Guddichaaf Baatii Adoolessaa 1,2013 irraa eegalee hanga Waxabajjii 30,2014tti galiin Birriin biiliyoonni1 fi miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 86 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 97 fi 461 walitti qabamuu eereera.

Deeggarsichi gurgurtaa boondii fi kennaa biyya keessaa, gurgurtaa boondiifi kennaa diiyaaspooraa, galii kennaa lakkoofsa Humna Elektirika Ityoophiyaa, galii gurgurtaa Piinii fi gama ergaa gabaabaa 8100 kan walitti qabame ta’uu ibsameera.

Bara 2003 wayita ijaarsi isaa eegale irraa kaasee hanga Waxabajjii 30,2014tti hawaasa biyya keessaa fi alaarraa akkasumas galii garaagaraarraa Birrii biiliyoonni 16 fi miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 15 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 12 fi 137 walitti qabamuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.