Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Iid Al Adahaa sababeeffachuun lammiilee kuma 1 fi 800’f sirni maaddii qooduu gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Ayyaana Iid Al Adahaa kan bara 1443ffaa sababeeffachuun lammiilee kuma 1 fi 800’f sirni maaddii qooduu fi laaqana nyaachisuu gaggeeffameera.

Faawundeshiniin Kaaliid Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa, Eejensii Diyaaspooraa, Waldaa Badiri Musiliimota Ityoophiyaa Idil Addunyaa fi tola ooltota biroo waliin ta’uun, deeggarsa dhaabbilee fi tola ooltotarraa argameen sirni maaddii qooduu gaggeeffameera.

Sirnicharratti Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, Ityoophiyaa fi ummanni ishee rakkoolee walxaxaa hedduu keessaa darbaa jiraatanis, waltumsa, waldhaga’uu, walkabajaa fi waliif oo’uu abbootii keenyarraa dhaalle cimsinee yoo itti fufne, qormaanni nuti hindarbine akka hinjiraanne sirni maaddii qooduu kun ragaadha jedhan.

Ayyaana Iid Al Adahaa baranaa ilaalchisuun sirni maaddii qooduu akka gaggeeffamu maallaqaanis ta’e humnaan kan deeggarsa taasisaan kan galateeffataan Obbo Kaaliid gama isaaniin sirnichi guyyoota sadiif kan turu ta’uu ibsaniiru.

Kaayyoon ijoo sagantaan Iidii hanga Iidii, diyaaspooraan biyyaa isaa akka beekuu fi beeksisu akkasumas lammiilee yaadaa fi kan biroon akka deeggarudha kan jedhan ammo Ittaanaa Daayrektaraa Eejensii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mohaammad Idiriisi.

Fuulduratti Faawundeeshiniin Kaaliid Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uun ibsameera.

Sirni maaddii qooduu, harka qalleeyyii kuma 1 fi 800, lammiilee rakkoof saaxilaman, dubartoota, maanguddootaa fi miidhamtoota qaamaaf, dhaabbata miti mootummaa Faawundeeshinii Kaalidiin gaggeeffamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.