Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti Buna gabaa alaaf dhiyaaterraa Doolaara biiliyoonni 1.4 argame

Finfinnee, Adoolessa 3, 2014 (FBC) – Baatiiwwan 12’n darban buna gabaa biyya alaatiif dhiyaaterraa Doolaarri biiliyoonni 1.4 galiin argamuu Ministirri Ministeeraa Qonnaa Obbo Umar Huseen ibsan.

Galichi oomisha bunaa toonii kuma 300 gabaa alaaf dhiyaaterraa ta’uu ministirichi fuula Tiwiitaraa isaaniin ibsaniiru.

Bara baajatichaattis, waggaa waggaan galii argamaa ture giddugaleesaan yoo madaalamu Doolaara miiliyoona 500 akka qabu ibsameera.

Ministirichi galichi akka argamuuf oomishtoota bunaaf galata dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.