Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Arafaa sababeeffachuun sagantaan maaddii qooduu gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Hoggantoonni Ministeera Bishaaniifi Inarjiifi godina Matakkalitti dargaggoonni aanaa Daangur Ayyaana Arafaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa deeggarsa barbaadaniif maaddii qoodaniiru.

Bakka Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa, Ministir Deetonni fi hoggantoonni biroon argamanitti kutaalee hawaasaa deeggarsa barbaadaniif sagantichi gaggeeffameera.

Sagantichi Ayyaana Iil Al Adahaa waliin dabarsuufi hariiroo dhaabbatichaa fi hawaasa naannawaasaa gidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu Dooktar Injinar Habtaamuun ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun godina Matakkalitti waldaan tola ooltotaa fi dhaabbilee mootummaa ayyaanicha sababeeffachuun lammiilee maatiin isaanii duula birmadummaa irratti wareegamaniif kennaa ayyaanaa gumaachuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.