Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti bittaafi gurgurtaa muduraa guddisuun  haala danda’amurratti mari’atame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti bittaafi gurgurtaa muduraa guddisuun  haala danda’amurratti mariin gaggeeffamuu ibsameera.

Ambaasaaddar Daawwannoo Kadir Ittaanaa dura taa’aa Waldaa bittaafi gurgurtaa Muduraa Chaayinaa Jaan Chinfang waliin haala bittaafi gurgurtaa muduraa guddisuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Mootummaan Ityoophiyaa oomishaafi oomishtummaa muduraa guddisuuf kutannoo qabaachuu Ambaasaaddar Daawwannoon ibsaniiru.

Oomishni Avookaadoo bal’inaan oomishamuun gabaa alaaf dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Waldaa bittaafi gurgurtaa Muduraa Chaayinaa oomishaalee muduraa Ityoophiyaa fayyadamtoota Chaayinaatti beeksisuun deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Jaan Chiinfing gamasaaniin, waldichi imbaasicha waliin hojjechuun hariiroo daldalaa biyyoota lameenii daran guddisuuf fedhii qabaachuu mirkaneessaniiru.

Dhaabbilee Ityoophiyaa damicharratti hojjetan waliin ta’uun fayyadamummaa waloo guddisuun kan danda’amu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.