Fana: At a Speed of Life!

Haleellaawwan lammiilee nagaarratti raawwataman ittisuuf mootummaan ijarsa dhaabbileerratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Haleellaawwan lammiilee nagaarratti raawwataman waaraan ittisuuf mootummaan ijarsa dhaabbileerratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itti waamamaan Mootummaa obbo Tasfaayee Baljigeen ibsan.

Kutaawwan biyyattii garaagaraatti haleellaawwan gareewwan finxaaleyyii fi shororkeessitootaan lammiilee nagaarratti qiyyeeffatan qolachuufi furmaata waaraa kennuuf madda rakkichaa hubachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Maddi rakkichaa inni ijoon duudhaan waliin jireenyaa akka diigamuuf waggoottaniif itti yaadamee hojjetamaa kan ture shira siyaasaa ta’uu kaasaniiru.

Hojiileen duudhaalee Ityoophiyaa diigan waggoottaniif hojjetamaa turuu ibsuun, kunis Ityoophiyaa gatii kaffalchiisaa jira jedhan.

Waqtichi yeroo hidhi haaromsaa Ityoophiyaa guddichi marsaa 3ffaaf bishaan guutamu ta’uu isaatiin, qaamoleen kun akka hin milkoofneefi qabeenya uumamaasheetiin akka hin misoomne hojjetan jiraachuu eeraniiru.

Diinonni Ityoophiyaa jilbeenfachiisuun kan danda’amu Tokkummaa uummatashee diiguuni ejjennoo jedhu qabatanii socho’aa jiraachuu dubbataniiru.

Diinonni biyyattii mootummaafi uummata adda baasuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jiraachuu eeruun, haasawaa hooggantootaa haqaaquun rakkoo uumuuf kan yaalan ta’uu yaadachiisaniiru.

Gurmaa’iinsa nageenyaa olola sobaan qoqqooduufi Ityoophiyaa dadhabsuuf hojiilee hedduu hojjetanis humni nageenyaa Ityoophiyummaa isaarraa kan hin maqne ta’uu dubbataniiru.

Kunis milkaa’ina riifoormii qaamolee nageenyaa Ityoophiyaa fakkaataniifi madaalan ijaaruuf barii jijjiirama biyyaalessaarraa eegalee hojjetame kan agarsiisu ta’uu himaniiru.

Mootummaan ijaarsa diimokiraasiifi nageenyaaf xiyyeeffannoo kennuun Ityoophiyaa ijaaruuf ijaarsa dhaabbileerratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.