Fana: At a Speed of Life!

Magaalota Naqamtee fi Asallaatti Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan haala ho’aa ta’een kabajame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Magaalota Naqamtee fi Asallaatti Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan haala ho’aa ta’een kabajameera.

Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti  Ayyaani Arafaa Waggaa 1443ffaan  Istaadiyeemii Wallaggaatti bakka Kantiibaan magaalichaa Obbo Toleeraa Raggaasaafi Keessumoonni garaagaraa argamanitti bifa Miidhagaafi Hawaata ta’een Kabajameera.

Kantiibaan magaalichaa Obbo Toleeraa Raggaasaan, ayyaannicha wayita kabajanu aarsaa Nabiyyi Ibraahim taasise yaadachaa, waan qabnuufi waan dandeenyu hundaan harka qalleeyii gargaaruun, kan daare uffisuufi namoota balaa uumamaafi nam-tolcheen rakkoof saaxilaman qaamaaf qalbiin bira haa dhabbannu jechuun, tokko taanee nageenya naannoo Keenyaa mirkeenneesuu Keessatti gahee Keenya bahu qabna jechuun dhaamaniiru

Bifuma Walfakkaatuun Ayyaanichi magaalaa Asallaatti bifa ho’aa ta’een kabajameera.

Ayyaanichi magaalichatti bakka walitti qabaan gumii dhimma isilaamaa godina Arsii Sheek Jamaal Bashiir, kantiibaan magaalaa Asallaa obbo Gaazaali Hashuu fi mo’imoonni amantichaa argamanitti istaadiyeemii magariisaa magaalaa Asallaatti kabajameera.

Hordoftoonni amantichaas wayita ayyaana kana kabajan namoota harka qalleeyyii yaadachuu fi deeggaruu akka qaban dhaamameera.

Galaanaa Tasfaa fi Muhaammad Guddataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.