Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti Ayyaanni Id al Adihaa 1443ffaa haala ho’aa ta’een Kabajameera

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti Ayyaanni Id al Adihaa 1443ffaa haala ho’aa ta’een Kabajameera.

Namni hundi Rabbiin sodaatee waan hamaarraa of eeguufi beekumsaafi humna isaa waan gaariif oolchuu akka qabu magalichatti imaamni Masjiida Fatih Sheh Muhaammad Amiin Tamaam dubbataniiru.

Guyyaan kun Nabiyyuu Muhaammad guyyaa gosaafi gooxiin wal qoqqooduu itti balaaleffatan waan ta’eef hordoftootni amantii islaamaa gocha badaa akkasiirraa of eeguu qabu jedhanniru.

Hordoftootni amantichaa wayita ayyaana kabajan, harka qaleeyyiifi namoota dhukkubsatan yaadachuu akka qaban Sheek Mohammad Amiin dhaamaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Raayyaa gama isaaniitiin Muslimootni tokkuummaa isaanii cimsuun biyyaa isaaniifi amantii isaanii cimsuu qabu jedhaniiru.

Muktaar Tahaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.