Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree Dawaatti Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan haala ho’aa ta’een kabajame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Magaalaa Dirree Dawaatti Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan haala ho’aa ta’een kabajameera.

Ayyaanicharratti Ittaanaa Kantiibaa magaalichaa Harbii Buhii Warsamee dabalatee Miseensonni kaabinee magaalichaa, Imaamonni Masjiidichaa, Ulaamonni, Sheekonni fi hawaasni musiliimaa baadiyaafi magaalaa kumaatamatti lakkaa’aman hirmaachuu ibsameera.

Ayyaanichi Masjiida naannoo Buufata Xiyyaaraa magaalichaatti argamutti kabajuu eerameera.

Ittaanaan Kantiibaa magaalichaa Harbii Buhii Warsameen, Uummata musiliimaa biyyattii maraaf ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsuun, hirmaannaan hawaasni musiliimaa nageenya, misoomaa fi guddina biyyaarratti taasisaa jiru dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Hirmaannaa kana daran cimsuun qaamolee farra nageenyaa fi misoomaa ittisuun imalli jijjiirama eegalame milkaa’inaan akka xumuramuuf deeggarsa isaanii akka cimsan gaafachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.