Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin magaalaa Finfinnee daandiiwwan konkolaattotaaf guyyaa boruu cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan nagaan kabajamee nagaan akka xumuramuuf qophii barbaachisaan taasifamuu poolisiin magaalichaa ibseera.

Solaatni Iid jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaataaf cufaa ta’an ibsamaniiru.

Haaluma kanaan:-

 Buufata Xiyyaara Booleerraa gama Galma Barkumeen daandiin Lagahaar geessu naannoo Dambal yookaan Addabaabaayii Olampiyaarratti

 Magganaayyaarraa gama Haayaahulattiin daandiin Lagahaar geessuu akkasuma Boolee Madaanaalamiirraa gama Hoteela Atilaasiin Addabaabaayii Masqalaa geessu naannoo Bataskaana Uuraa’eelitti

 Araat Kiiloorraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu naannoo Baashaa Waldee Chiloot yookaan ammaa Ibsaa Paarlaamaarratti

 Piyaassaarraa gara Lagahaar kan geessu Addabaabaayii Teewoodiroos irratti

 Taklaayimaanot irraa gama Meetirooloojiin gara Lagahaar geessu naannoo Meetrooloojiitti

 Taklaayimaanot irraa gara Hospitaal Xuqur Anbassaa kan balbala duubaa Xuqur Anbassaarratti

 Siniimaa Raas irraa gama Goollaa Mikaa’eliin gara Lagahaar kan geessu Mikaa’el Masqalanyaarratti

 Geejjaa Safarii gama Eegumsa Fayyaan gara  Tiyaatira Biyyaalessaa geessu Goommaa Quxxabaarratti

 Chilootii Baashaa Waldeerraa gama Oormaa Gaaraajiin gara Masjiida Filuuhaa geessu Mana Maxxansaa Nigdiirratti

 Goofaarra gama Bataskaan Qiirqoos Lagahaar kan geessu naannoo Bataskaana Qiirqoositti

 Xoor Hayiloochii, Lidataa fi Hospitaala Poolisii kan geessu Addabaabaayii Meeksiikoorratti

 Saaris Gootaraarraan gara Dirree Masqalaa kan geessu Araattanyaa Kifla Xoorii duraaniirratti kan cufaman ta’uu poolisiin magaalichaa  ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.