Fana: At a Speed of Life!

Kamiseetti pirojektoota misoomaa Birrii miiliyona 53’n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Godina Addaa Saba Oromoo Magaalaa Kamiseetti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa Birrii miiliyoona 53.3 ijaaraman garagaraa eebbifamaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaa sirna eebbichaarratti, Kamiseen fakkeenya waliin jireenyaa Ityoophiyaa ta’uu ibsanii, magaalattiis, buufata invastimantii fi tuurizimii taasisuuf sochii nageenya mirkaneessuu eegalame sadarkaa amansiisaarraan ga’uu qabna jedhan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Kamisee Aadde Kadijjaa Alii gama isaaniin, hojii nageenya mirkaneessuu hojjetamu cinaatti hojiilee misoomaa hojjechuun injifannoodha jedhaniiru.

Erga gareen ABUT naannawicha gadi dhiisee ba’ee sochii diinagdee laafe jabeessuun, manca’iinsa mudatee ture hirphuuf qindoominaa fi xiyyeeffannaan hojjechuun bu’aa olaanaan galmaa’eera jedhan.

Pirojektoonni misoomaa 16 baasii Birri miiliyoona 53.3 ijaaramuu himuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.