Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 204 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa lammiileen Ityoophiyaa kumni 1 fi 204 Saa’ud Arabiyaarraa gara biyyaa deebi’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Lammiilee kanneen keessaa 728 dhiirota, 169 daa’immanii fi 307 dubartoota ta’uu eerameera.

Lammiilee kanneeniif deeggarsii fi kunuunsi barbaachisaan erga taasifameefiin booda gara giddugaloota tursiisaa qophaa’eefitti geeffamuu ibsameera.

Hojii lammiilee gara biyyaa deebisuu hanga ammaatti hojjetameen lammiileen kumni 48 fi 612 deebi’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.