Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi qaamolee qajeelfama bittaa fi raabsaa simmintoo cabsan akeekkachiise

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa qaamolee qajeelfama bittaa fi raabsaa simmintoo cabsan irratti tarkaanfii bulchiinsaa kan fudhatu ta’uu akeekkachiise.

Fedhiifi dhiyeessiin simmintoo walsimuu dhabuusaatiin gatiin isaa dabaluu fi raabsaan isaas karaa seeraan alaa gaggeeffamaa jiraachuu fi damee ijaarsaaf qormaata ta’uu ministeerichi ibseera.

Warshaaleen hanga oomishuu danda’anii gadi oomishuunii fi dameen ijaarsaa guddachuu hordofee fedhiin simmintoo dabaluun walsimuu dhabuu dhiyeessiifi fedhiif sababa ta’uu ministeerichi eereera.

Dhiyeessii simmintoo dabaluun bittaa fi gurgurtaan isaa gabaa bilisaan hanga geggeeffamutti simmintoon oomishame qixa sirriin fayyadamtoota bira akka gahuuf qajeelfamni qophaa’ee hojiirra ooluu ministeerichi yaadachiiseera.

Qajeelfamni Waxabajjii 17,2014 irraa eegalee hojiirra oole kun piroojektoota ijaarsaa mootummaaf dursi laatamuun simmintoo akka argatan kan eeyyamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Qajeelfamichi ga’ee fi itti gaafatamummaa oomishtoota simmintoo, piroojektoota ijaarsaa, Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa akkasumas Naannolee fi Bulchiinsota magaalaa kan of keessatti haammate ta’uu ibsameera.

Qaamolee ajaja qajeelfamichaan ala simmintoo bitaniifi gurguran irratti tarkaanfiin bulchiinsa fi seeraa kan fudhatamu ta’uu ministeerichi akeekkachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.