Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan naannawaa Hidha Guddichaa Haaromsaatti nageenya amansiisaa mirkaneessuuf dirqama isaa bahachaa jira-Koloneel Nigaatu Asaffaaa

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisaa Naannawaa Hidha Guddichaa Haaromsaatti nageenya amansiisaa mirkaneessuuf dirqama isaa bahachaa jiraachuu Ajajaa Olaanaa Birgeedii Human Makkaanaayizdii Mootaraa Ajaja Lixaa Koloneel Nigaatuu Asaffaa ibsan.

Ashaaraa Ityoophiyaanotaa kan ta’e Hidhi Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa rakkoo nageenyaa tokko malee gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran Ajajichi, raayyaan ittisaa naannawichatti nageenya amansiisaa mirkaneessuuf dirqama isaanii halkaniif guyyaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Dabalataanis, birgeedichi ga’umsa haleellaa hidhicharratti aggaamamuu dhaabuuf dandeessisu qabaachuu ibsuu isaanii Ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Birgeediin humna kutaa waraanichaa ta’e adda hiriiranirratti qabsoo taasisuun gootummaa ummataa fi mootummaa boonsee raawwachuu yaadachiisanii, fuuldurattis cimina isaan itti fufuuf ga’umsa qabaachuu ibsaniiru.

Ittaanaa Ajaajaa Birgeedichaa Koloneel Shifarraa Taayyachoo gama isaaniin, diinni naannawicha jeequuf gama humnoota ergamtoota bobba’aniin irra deddeebiin tuttuqqaa taasisuu yaalus birgeedichi humnoota nageenyaa biroo waliin qindoomuun tarkaanfii fudhateen nageenyaa mirkaneessuu ibsaniiru.

Birgeediin makkaanaayizdii naannawichatti bobba’e, yaaddoo nageenyaa mudachuu malu haala amansiisaan dhaabuuf dammaqinaan dirqama raawwachaa jiraachuu ajajoonni kunneen ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.