Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Ityoophiyaa fi Jibuutii dhimmoota ijoo 3 irratti mari’achuun murtoo dabarsan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Ityoophiyaa fi Jibuutii dhimmoota ijoo 3 irratti mari’achuun murtoo dabarsuu ibsame.

Hariiroo seena qabeessa fi tarsiimawaa biyyoonni lameen qaban ilaalcha keessa galchuun marii hoggantoonni biyyoota lameenii kanaan dura taasisan bu’uureffachuun dhimmoota ijoo sadiirratti waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Marii Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimadii fi Preezdaantiin Jibuutii Ismaa’el Umaar Giilee kanaan dura taasisan hordofee jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu Jibuutiitti daawwannaa taasiseera.

Jilichi  ergaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad preezdaant Ismaa’el Umaar Gileen ga’aniiru.

Hariiroo tarsiimawaan gama maraa biyyoota lameenii yeroo kamiyyuu caalaatti guddachaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni lameen walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa garagaraarratti Doolaara biiliyoona 10 ol hojiirra kan oolchuu eeruun, marii gamlamee sababa vaayrasii koroonaa fi taateewwan biyya keessaa fi alaan addaan cite ture kan kanaan duraarra cimsuun walitti hidhamiinsa diinagdee waloo sadarkaa olaanaatti jijjiiruuf kutannoo gama biyyoota lameenii jiru dinqisiifataniiru.

Hariiroo seena qabeessa fi tarsiimawaa biyyoonni lameen qaban ilaalcha keessa galchuun marii hoggantoonni biyyoota lameenii kanaan dura taasisan bu’uureffachuun dhimmoota ijoo sadiirratti waliigalteerra ga’amuu ibsameera.

Shallaga gatii kuduraa fi muduraa ilaalchisee, gama koree waloo mootummoonni biyyoota lameenii hundeessaniin haala gabaa yeroo fi haala jireenya uummata Jibuutii ilaalcha keessa galchuun fooyya’iinsi gatii hanga taasifamutti Jibuutii qofatti gatii kanaan dura tureen akka itti fufu murtaa’eera.

Dabalataanis taariifa jimaa gara Jibuutiitti ergamu olkaasuuf bu’uura kanaan dura hoggantoonni biyyoota lameenii irratti waliif galaniin hojiirra kan oolu ta’uu eerameera.

Abbootiin qabeenyaa Jibuutii Jimaa galchan waliigaltee daldala alaa raawwachuu osoo isaan hin barbaachisiin oomishicha galchuu akka danda’an akkasumas kaffaltii tajaajila galaanarraa irratti mariin mootummoota biyyoota lameeniin irratti gaggeeffamee murtoorra hanga ga’amutti fooyya’iinsi osoo hin taasifamiin gatii kanaan dura tureen akka itti fufuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.