Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin amantaa Naannoo Harariitti Naannawaa ayyaanni Iid Al Adahaa itti kabajamu waloon qulqulleessan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti Abbootiin amantaa fi hordoftoonni naannawaa ayyaanni Iid Al Adahaa itti kabajamu waloon qulqulleessaniiru.

Sirna kanarratti kan argaman Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii, “Amantaa fi heddumminni sabootaa kan nu qoqqoodu fi facaasu ta’uu hinqabu; waliin jireenya, tokkummaa fi waldanda’uu caalmaan cimsuu qaba” jedhan.

Yeroo ammaa nageenyi naannichatti mirkanaa’ee jiru tattaffii abbootii amantaan ta’uu kan eeran Obbo Oordiin, ammas Ityoophiyaa faffacaasuuf qaamolee carraaqan, abbootiin amantaa fi hordoftoonnii daandii akka hintaaneef walta’iinsaan hojjechuu akka barbaachisu ibsaniiru.

Sagantaa qulqullinaa kanarratti abbootiin amantaa hirmaatan gama isaaniin, ayyaanichi naannawaa kabajamutti waloon qulqulleessuun jaalala onneeraa maddee ibsuuf carraa ta’uu dubbatan.

Abbootiin amantaa finxaalessummaa balaaleffachuun, hordoftoota ammoo barsiisuu fi hubachiisuun, lammiileen kaayyoo hinbarbaachifneef irbaataa akka hintaane taasisuu qabu jechuu isaanii EBC’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.