Fana: At a Speed of Life!

Manni maree ministeeroota walga’ii idileesa 79ffaan dhimmoota garagaraatti mari’achuun murtii dabarse

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Manni maree ministeeroota walga’ii idileesa 79ffaan dhimmoota garagaraatti mari’achuun murtii dabarseera

1. Manni marichi jalqabarratti wixinee labsii mootummaan fedeeraala baajata dabalataa bara 2012 fi foyya’insa baasi uwwisurratti mari’ateera.

Baajata dabalaataaf bu’uura kan ta’e yeroo dhiyoo mootummaan kan qophaa’e fooyya’insa diinagdee biyyaa yoo ta’u, kaayyoon inni olaanaan rakkinoota diinagdee furuuf tarkaanfiwwan imaammataa hojiirra oolchuuf Birri biiliyoona 18, hojiirra oolma sagantaa misooma seeftineetiif Birrii biiliyoona 2 akkasumaas hojii qixaaf miidhaa qixaa hojiirra oolchuuf Birrii biiliyoona 7.9 waliigalaan baajatni dabalataa Birrii biiliyoona 27.89 akka ragga’uuf ministeerichi wixinee labsii qopheessuun mana maree ministeerootaf murtii dhiyeesseera.

Manni marichiis wixinee labsii baajata dabalataarratti bal’inaan erga mari’atee akka ragga’uuf mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteesseera.

2.Itti aansuun manni marichi kan mari’ate ministeerri maallaqaa kan dhiyeessan fooyya’insa projaktii hojii daandii Dabramaarqoos- Moxaa, projaktii hundeeffama giddugala beekkumsa Yuunvaarsiitii Saayinsii fi Teeeknooloojii Adaamaa fi waliigaltee liqaa dhiyeessi bishaan dhugaati biyyaalessaa 2ffaa sagantaa saniteeshinii fi Haayjuun raawwachiisuuf ooluu fi ragga’umsi wixinee labsirratti yoo ta’u, liqaan kunneen tarsiimoo bulchiinsa liqaa biyya keenyaa waliin kan wal fudhatu yoo ta’u, waggota 10 keessatti kan kaffalamuu fi dhalli kan hin herregmnee ta’uun wixinichi akka ragga’uuf mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteesseera.

3.Manni marichi irratti kan mari’ate inni biroon ammoo wixinee labsii faaruu alaabaa gamtaa Afrikaa fi guyyaa Afrikaarratidha.

Biyyi keenya tumsa biyyoota Afrikaa waliin qabdu guddisuuf hojiirra olmaa ajandaa paan Afrikaanizimii fi walitti makamuu Afrikaaf kutannoo qabdu itti fufuun akkasumaas qopheessummaa komishinii gamtaa Afrikaan tumsuuf ga’eeshe ba’achuuf alaabaa gamtaa Afrikaa mirmiirsuu, faaruu gamtaa Afrikaa faarsuu fi guyyaan Afrikaa yaadatamee akka ooluu taasisuun biyyi keenyi kutannoo qabdu kan agarsiisu ta’uu wixinee labsichaa akka ragga’uuf mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu murtesseera.

4.Dabalataniis wixinee labsii koollejjii qonnaa fi oogumma barnootaa fi leenjii hundeessuurratti mari’ateera.

Kollejjiwwan itti waamamni isaanii ministeera qonnaaf ta’ee dhaabbata seera mataa isaanii kan qaban akka ta’anii fi sanyii qonnaa biyyattiirratti xiyyeeffatanii akka hojjetaniif wixinee labsii dhiyaate akka ragga’uuf mana maree bakka bu’oota ummataf akka darbu murtii laateera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.