Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Addunyaa deeggarsa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonni Daayrektara Baankii Addunyaa Akseel Vaan Tirootsenbergi waliin Seneegaal Daakaaritti mari’ataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas tattaaffii rakkoolee jiran furuuf taasisurratti dhaabbatichi amantaa qabu ibseera.

Waggoottan sadan dhufan baankichi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, misooma hawaasummaa, qonna, walitti hidhamiinsa naannawaa fi sagantaalee fooyya’iinsa diinagdee deeggaruuf tattaffii taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.

Obbo Dammaqaan, qaamaa Baankii Addunyaa fi oomshtummaa Afrikaaf deeggarsa kan taasisu walga’ii hoggantoota Waldaa Misooma Idil Addunyaa (IDA 20) irratti hirmaachuuf Daakaar jiru.

Baankiin addunyaa gama IDA 20 biyyoota guddinarra jiraaniif deeggarsa maallaqaa Doolaara biiliyoona 93.5 taasisu keessaa Doolaara biiliyoona 39 biyyootaa Afrikaaf kan ramade yoo ta’u, kana keessaa Doolaaraa biiliyoona 5.7 waggoottan sadan dhufan keessatti kennuuf waadaa seeneera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.