Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa kan fayyadu fiinxaalessummaa dhabamsiisuun sirna diimookiraasii mirkaneessuun, waliin imaluudha-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa kan fayyaduu fiinxaalessummaa dhabamsiisuun sirna diimookiraasii mirkaneessuun waliin imaluudha jedhaan Muummeen Ministiraa FDRI ABiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa har’aa paarlaamaarratti ibsa kennaniin, Ityoophiyaa lammiileen hunduu walqixa keessa jiraatan ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu fi ta’e jedhamee sabaa fi saba waliti buusuu, walcaalchisuu, wal fayyaduuf hinhojjennu jedhan.

Kana keessatti raawwiin karaarraa maqe jiraanaan gorsa ummaataan kan qajeellu ta’aa eeran.

Dooktar Abiy dabalataan, ilaalcha kootu caalaa fi of jaallachuun summiiwwaan finxaaleyyiin itti dhimma ba’an dhumarratti badiisaa fiduudha jedhanii fiinxaalessummaan addunyaa, Afriikaa hinfayyadnee, Ityoophiyaas hinfayyaduu himan.

Fiinxaalessummaa dhabamsiisuun sirna diimookiraasa mirkaneessuun, waliin imaluun Ityoophiyaa kan fayyadu ta’uu ibsan.

Reebuu fi ukkaamsuun, badhadhina, misoomaa fi guddina waliin hindeemu kan jedhan Muummeen Ministiraa, madaalli diimokiraasii fi misoomaa eeguuf tattaffii taasisaa jiraachuu ibsaniru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.