Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfama pirojektoota misoomaa yeroo qabameef keesatti akka xumuraman taasisuu cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Xiyyeeffannoo baajata bara 2015 ilaalchisee hojiilee pirojektoota misoomaa gaggeeffamaa jiran yeroo qabameef keessatti akka xumuraman taasisuun cimee itti fufa jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa ilaalchisun ibsa kennaniin pirojektoota daandiilee biyyattiitti hojjetamaa jiran keessaa pirojketoonni 331 sadarkaa federaalaatti kan hojjetaman yoo ta’u, daandiilee 49 irratti suphaa cimaan gaggeeffamaa jiraa ibsan Dooktar Abiy.

Pirojektoonni 229 Birrii biiliyoona 379’n hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa pirojektoota dhibbaatamatti lakkaa’aman bulchaa, maallaqa biiliyoonaatti shallagamuun gaggeessa kan jiruudha.

Haaluma kanaan pirojektoota daandii, abbaan taayitichaa yeroo qabameef keessatti akka xumuruuf qaajeelfama kaa’ame hojiirra oolchaa waan jiruuf bu’aa olaanaan galmaa’aa jira jedhan.

Pirojektoonni eegalaman hattamaan akka xumuraman taasisuun cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Humna elektirikii ilaalchisuun Muummeen Ministiraa ibsa kennaniin hojiileen maddisiisuu, dabarsuu fi raabsuu kan gaggeeffamuu yoo ta’u, haala ummata biyyattii fi indaastirii biyyaattii guddisuu dandeessisuun hojjetamaa jiraachus kaasaniiru.

Pirojektoota sukkaaraa ilaalchisuun warshaaleen shan dabalataan ijaarama jiraachuu yaadachisanii, warshaalee kanneen wayitaa xumuraman bu’aa qabeessumma isaanii mirkaneessuuf misoomaa shonkooraarratti xiyyeeffatamuu akka qabu ibsaniiru.

Ba’ii fi galii biyyattii bu’a qabeessa taasisuuf loojistiksii biyyattii ammayyeessuuf hojiileen eegalaman bu’aa qabatamaa argamsiisuu eeranii, oomishni bunaa biyyattii %98 konteenaraan gabaa alaaf dhiyaachuun fakkeenyaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf buufataalee meeshaalee goggoga saddeet jiran gara 11tti guddisuuf karoorfamuu kaasanii, seektarri dhuunfaa damee kanarratti akka hirmaatu taasifameera jedhan.

Loojistiksii ammayyeessuun buufataa meeshalee goggogaa babal’isuun muddama naannawaa buufataa doonii jiru kan hir’isu ta’uu ibsuuniiru.

Deeggarsa loojikstiksiin alergeen biyyatti dabalaa jiraachuus ibsaniiru.

Pirojektota Koyishaa fi Gorgoraas, akkataa waadaa seenametti kan xumuraman ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.