Fana: At a Speed of Life!

Jabaannee hojjechuun biyya diinaaf hin jilbeeffanne ta’uu Keenya mul’isuu qabna-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 30,2014 (FBC)- Biqiltuu dhaabaa hojii misoomaa jabaannee hojjechuun biyya diinaaf hin jilbeeffanne ta’uu Keenya mul’isuu qabna jedhanMuummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad guyyaa har’aa walga’ii idilee 6ffaa waggaa 1ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti dhimmoota garaagaraarratti ibsa bal’aa taasisaniiru.

Marii biyyaalessaa ilaachisuun, Mootummaan marii nagaaf banaa ta’uu ibsuun, marii gaggeeffamu keessa faayidaan argamu jiraannaan kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Barnoota ilaalchisuun ibsa kennaniin barnoonni dhaloota qaruuf furtuu ta’uu eeruun, amala gaarii barattotaarratti xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Haala hanna qormaataa hir’isuun danda’amurratti Ministeerri Barnootaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Diinagdee ilaalchisee rakkoo hedduun mudachuufi rakkoo keessa cimaa dhufuu eeraniiru.

Biqiltuun kan dhaabamu harama biyyee hir’suu fi rooba harkisuuf ta’uu ibsaniiru.

Biqiltuu dhaabaafi hojii misoomaa hojjechaa biyya diinaaf hin jilbeeffanne ta’uu Keenya mul’isuu qabna jedhaniiru.

Oomisha kuduraa fi muduraa mana boroorratti bal’inaan hojjetamuu akka qabuufi hojiin qonnaa deeggaramuu akka qabu ibsaniiru.

Hojiin tajaajila lammummaa babal’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Jabaannee hojjechuun biyya diinota isheef hin mijanne uumuu qabna jechuun, jabaannee yoo hojjenne ni injifanna jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.