Fana: At a Speed of Life!

Gareewwan shororkeessaarratti tarkaanfii eegalle cimsinee yoo itti fufnee ni badu-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Dhiiga lammiilee nagaa akkasumaan kanneen dhangalaasan gareewwan shororkeessa kamuu irratti tarkaanfii eegalle cimsine yoo kan itti fufnu ta’e ni badu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataaf ibsa kennaa jiru.

Dhimma lammiilee nagaa ajjeefamaanii ilaalchisuun gaddi cimaa isaanitti dhaga’ame eeranii, gareewwan shorkeessitootaa kaayyoo fi galma hinqaban jedhan.

Yaadamni isaanii badiisa waan ta’eef imalaa keenyaa qoruu danda’uu garuu gufachiisuu fi injifachuu hindanda’an ibsan.

Maal na dhibdeedhaan mootummaan ittigaafatamaa isaa akka hinbaa’annetti ilaalamuu hinqabu kan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy, rakkoolee wayita mudatuun lubbuu isaanii kan wareegan qaamoleen nageenyaa akka jiran hubachuun barbaachisaadha ibsaniiru.

Nageenyaa lammiilee eegsisuuf tattaafii kan taasisan qaamoleen nageenyaa wareegamaa isaan kaffalan hubachuun lammiilee hedduu baraaruu danda’aniiru jedhan.

Qaamoleen nageenyaa wareegamaa olaanaa lammiilee isaaniif kaffalaa jiraan kabajatu mala jedhaniiru.

Tarkaanfiin fudhatamaa jiran hanga cimee itti fufetti humnoonni badii, Ityoophiyaa gufachiisuu hindanda’anii ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.