Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa bakka Mummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti qooddii baajataa 2015’rratti mari’atee raggaasisa

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’ootaa Uummataa boru walga’ii idilee 16ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessuun Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waliin dhimmoota biyyaalessaarratti mari’ata.

Paarlaamaan yaa’ii idilee gaggeessuurratti tibbana irraa deddeebiin kan mudataa jiru dhimmi nageenyaa lammiilee xiyyeeffannaa marii ta’aan eegama.

Kana malees, dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa fi diinagdee biyyaalessarratti xiyyeeffachuun akka mari’atu eerameera.

Dabalataan, qoqqooddii baajataa bara 2015 irratti mari’achuun akka raggaasisu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Walga’ii kanaan gabaasni raawwii karoora mootummaa kan dhiyaatu yoo ta’u, gabaasicharrattis manni marichaa Muummee Ministiraa waliin ni mari’ataan eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.