Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota 10’n jalqabaa Baatii Adoolessaa lolaan mudachuu waan danda’uuf hawaasni eeggannoo akka taasisu –IRHQI

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC)- Guyyootaa 10’n jalqabaa Baatii Adoolessaa lolaa cimaa mudachuu waan danda’uuf, hawaasni naannawaa lafa dhooqaa fi olka’iinsa qabu jiraatu eeggannoo akka taasisu Inistitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa hubachiisera.

Inistituyuutichi akka beeksisetti, baatii Adoolessa guyyoota 10’n jalqabaa biyyattiitti roobni idilee fi nannawaa tokko tokkotti ammo rooba cabbii makateetu eegama.

Haaluma kanaan guyyootaa 10’n dhufan haalli roobaa ulfaataa fi lolaa hordofsiisuu danda’aa jedhameera.

Biyyattii walakkeessa naannawaa Lixaa fi giddugaleessaatti roobni miilii meetira 100-200, naannawaa tokko tokkotti ammo miilii meetira 200 ol akka eegamu ibseera.

Guyyoottan 10’n baatii Adoolessa gara jalqabaas, naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigiraayii fi Kibbaatti roobnii idilee fi idileen olii akka eegaman himameera.

Irra jireessaan Abaay, Baaroo-Akooboo, Takazee, Awash, Sulula Qiinxaamaa, Oomoo-Gibee, Afaar-Danaakil, Waabii-Shabalee garaa olii gidduu, akkasuma naannawaa Sulula Gannaalee Daawwaatti jiidhi olaanaan akka jiraatu eerameera.

Gannaalee-Daawwaa gara gadiitti, Sulula Qiinxamaa fi Oomoo Gibeetti jiidha muraasa akka qabaatan ibsameera.

Naannawaalee eeraman akkasumas naannawaa biroo lammiileen jiraatan balaa lolaatiif saaxilamuu waan danda’aniif, gamanumaa of eeggannoo akka taasisu Inistitiyuutichi hubachiiseera.

Haalli roobaa kun, naannawaalee facaasaan hin eegalamnetti jiidhina fooyya’aa waan qabaatuuf, qonnaan bultoonni carraa kanatti fayyadamuu akka qaban hubachiiseera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.