Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Oppireeshinii gaggeeffameen meeshaaleen waraanaa 114 fi rasaasni kumni 20 ol qabame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaalee garaagaraa keessatti Oppireeshinii qaamolee nageenyaafi hirmaannaa ummataan gaggeeffameen meeshaaleen waraanaa addaa addaa 114 fi rasaasni kumni 20 ol qabamuu ibsame.

Oppireeshinii gaggeeffamaa tureen  miseensonni Shanee, dargaggoonni daddabarsa meeshaalee waraanaa gaggeessan 17 to’atamuufi harka kennachuu ibsameera.

Hoogganaan Poolisi Humna Addaa Oromiyaa kutaa 6ffaa Komandar Bojaa Baalchaan, qindoomina qaamolee nageenyaafi siyaasaan aanaalee godinichaa garaagaraa keessatti humna Shanee uummata dararaa jiru irratti tarkaanfii ol’aantummaa seeraa kabachiisuu fudhatameen meeshaalee waraanaa booji’amuufi miseensotaasaa irratti tarkanfini fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Safuu ummata Oromoo kan hin taaneefi tasumaa mul’atee kan hin beekne ummanni daa’imasaa maallaqaan bitachaa jira kan jedhan Komandar Bojaan humna Shanee maqaa Oromoo dhahattee gurmaa’uun ummata dararaa jirtu qindoomina qaamolee nageenyaa, siyaasaafi ummataan ni dhabamsiifna jedhaniiru.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa gamasaaniin, ummanni godinichaa tasgabbaa’ee jiruufi jireenyasaa akka hin gaggeeffanneef humna badii Shanee ummataaf kan qabsaa’uu of fakkeessee haawaasa godinichaa goolaa ture irratti tarkaanfiin qaamolee nageenyaan fudhatamaa jiraachuufi hojii siyaasaa hojjetameen gandoota hedduu keessatti caasaan mootummaa ijaaramee hojiitti galamuu eeraniiru.

Miseensonni Shanee humna badii kana keessa turanis gocha badii kanatti gaabbuun dargaggoonni holola sobaa maqaa maallaqa akka salphaatti argattu jedhuun goyyoomuu akka hin qabne dhaamuu ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.