Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Iluu Galaanitti Kontobaandiin Zayita Nyaataa abbaa litira 20 baay’inni isaa 520 to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaanitti Kontobaandiin Zayita Nyaataa abbaa litira 20 baay’inni isaa 520 qaama nageenya Aanichaan to’annoo jala Ooleera.

 

Aanichatti kontorbaandii daldala seeraan alaa to’achuuf xiyyeeffannoon hojiin hojjetamaa jiruun guyyaa kaleessa Gurraandhala 8, 2012 halkan keessaa Sa’aa 9:30 konkolaataa FSR lakk. gabatee isaa 91962 A.A ta’e zayita nyaataa abbaa litira 20 baay’inni isaa 520 ta’e eeruu hawaasni poolissii aanichaatiif kenneen magaala Ijaajji naannoo Gabaa Roobii keessatti utuu buusuuf jiruu konkolaachisaa fi garagaaraa isaa waliin to’atameera.

 

Abbaa adeemsa hojii nageenya naannoo mirkaneessa aanaa Iluu Galaan Kan ta’an, Saajiin Margaa Tafarraa akka Jedhanitti , Aanichatti xiyyeeffannoo daladala seeraan alaa to’achuuf poliisiin aanicha sochii taasiseen bu’aa argameera.

Kontorbaandiin zayita nyaataa abbaa litira 20,baay’inni isaa 520 ta’u qarshiidhaan yoo tilmaamamu gara kuma 200f kuma 40 fi 853 ta’u himuun torbee lamaan darbe keessatti kaka’umsa miseensa poolisii aanichaa fi eeruu hawaasaatiin hojii hojjetameen sukkaara kumtalaa 50 fi zayita nyaataa abba litira 20 baay’inni isaa 820 to’anna jala oolchuu isaani himuun ,daldalli seeraan alaan qabame kunis gurguramee misooma aanichaaf ooleera jedhaniiru saajin Margaan.

 

Itti dabaluun hawaasni aanaa keenyaa daldala seeraan alaa irratti qabsaa’uun warreen otoo hin hojjetii karaa qaxxamuuran sooromuu barbaadan qaama nageenya sadarkaa jiran waliin ta’uun hojjechuu hojii seera qabeesa waan mootumman beekuu fi ummanniis ta’ee mootummaan galii irraa argatu seera qabeessan hojjechuu qaba jedhaniiru.

 

Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Aanaa Iluu Galaantu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.