Naannoo Oromiyaatti tajaajilli lammummaa dargaggootaa gannaa eegalame
Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti tajaajilli lammummaa dargaggootaa gannaa magaalaa Bishooftuutti ifatti eegalamuu ibsame.
Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaatti Ministir Deetaan Damee Dargaggootaa Aadde Munaa Ahimad haasawaa baniinsa sagantichaarratti taasisaniin, Ityoophiyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf tola ooltummaan, tokkummaan hojjechuu fi waliin dhaabachuun ala filmaanni biraa kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.
Akka biyyaatti dameewwan garaagaraan hojiileen tola ooltummaa hedduun hojjetamaa jiraachuu eeruun, seera damichi ittiin hoogganamuu fi sirna taasisuun itti fufsiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Ityoophiyaa gara sadarkaa olaanuutti ceesisuuf jaalalaan ida’amuun, miira tola ooltummaan, abbummaa fi miira itti gaafatamummaan kutannoon hojjechuu qabna jechuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.