Tajaajilichi naannoleen lakkoofsa gabatee konkolaataan ajajan yeroon fudhachuu dhabuun rakkoo hojiimaataa irraan ga’uu ibse
Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Naannoleen lakkoofsa gabatee konkolaataa ajajan yeroon fudhachuu dhabuun rakkoo hojiimaataa irraan ga’uu Tajaajilli Geejjibaa Paabilik Sarvisii ibse.
Daayrektarri kominikeeshinii tajaajilichaa obbo Salamoon Ambaachaw Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti akka himanitti, naannoleen lakkoofsa gabatee konkolaattotaa akka oomishamu gaafatan kaffaltii barbaachisu kaffaluun akka fudhatanii fi fayyadamtootaaf akka dhiyeessan yaadachiisaniiru.
Tajaajilichi rakkoo oomishaa lakkoofsa gabatee konkolaataa mudatee ture furuun gara hojiitti galuu galuu kaasaniiru.
Yeroo ammaas lakkoofsa gabatee konkolaataa Biiroolee Geejjibaa naannolee fi magaalaa Finfinneef gosaa fi hanga barbaadaniin oomishuun raabsaa jiraachuu eeraniiru.
Naannoleen lakkoofsa gabatee konkolaattotaa ajajuun hojjechiisan yeroon fudhachuu dhabuun rakkoo hojiimaataa irraan gahaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo itti aanutti rakkoon akka kanaa akka hin mudanneef dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Siisaay Geetinnatu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.