Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Shimalisiin durfamu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Haramaayaa eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) –Jilli Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimalis Abdisaan durfamu Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Haramaayaa Sadarkaa 2ffaa eebbisiiseera.
Jilichi Godina Harargee Bahaatti Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Haramaayaa Sadarkaa 2ffaa baajata Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 74 oliin ijaarrame eebbisiiseera.
Siidaan Qees Guddinaa Tumsaa mana Barnootaa kana keessatti ijaarames eebbifameera.
Manni Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa kun yeroo ammaa Barattoota 164 barsiisuu irratti argama jedhame.
Godina Harargee Bahaatti piroojektiileen misooma garaagaraa 395 hojjachuuf karoorfamee piroojektiileen 424 Birrii biiliyoona.1.6 oliin hojjatamuun eebbifamaa jiru.
Jilli Pireezidaantii Shimalisiin durfamu kun Mana Barnootaa kana keessa biqiltuus dhaabeera.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.