Oromiyaatti bara kana lafti heektaarri miiliyoonni 4.5 kilaastaraan kan misoomu ta’uu ibsame
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti bara kana lafti heektaarri miiliyoonni 4.5 kilaastaraan kan misoomu ta’uu ibsameera.
Naannichatti bara kana lafa hektaara miiliyoona 6.3 qotuuf karoorfame keessaa lafti hektaarri miiliyoonni 4.5 kilaasteraan kan misoomu ta’uu eerameera.
Naannoo Oromiyaatti oomishaafi oomishtummaa dabaluuf damee qonnaatiif xiyyeennoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Bara oomishaa darbe lafa hektaara miiliyoona 6.3 qotame keessaa lafti hektaarri miiliyoonni 3.2 kilaasteraan misoomee bu’aa abdachiisaan argamuu fi qonna hammayyeessuuf makaanaayizeshiniitti fayyadamuun dhimma murteessaa akka ta’e ibsamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan daawwannaa qophii fi hojii qonna gannaa godina Shawaa Bahaatti geggeeffamaa jiru irratti yaada kennaniin, Mootummaan Naannichaa hojii qonnaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himuun, oomisha biyya keessaa qulqullinaa fi baay’ina isaa dabaluun bara dhufu qamadii gara biyya alaatti erguun galii alarraa argamu dabaluuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Naannoo Oromiyaatti addatti bara kana qamadiin lafa hektaara miiliyoona 1.6 irratti kan faca’u ta’uus ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.