Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministira Dooktar AbiyAhimad mootii Emmireetota Arabaa Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad mootii Emmireetota Arabaa Gamtoomanii Sheek Mahammad Biin Al Nahan waliin mari’ataniiru.

Anga’oonni lamaan dhimmoota waloo biyyoota lamaan fayyadan irratti mari’ataniiru.

Hariroon biyyoota lamaa baroota dheeraaf ture kana gara sadarkaa caalutti ceesisuuf akka hojjetan himaniiru.

Haaluma walfakkatuun dhimmoota naannoo fi idil addunyaarrattis mari’taniiru.

Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad dawwanna isaanii Emmireetota Arabaa Gamtoomanii xumuraniiru.

Dawwannaa isaanii kanaanis Emmireetota Arabaa Gamtoomanii keessa lammilee Ityoophiyaa kuma 10 ol seeraan ala jiraatan, karaa seera qabeessa taheen akka jiraataniif waliigalaniiru.

Biyyoota kanninitti Ityoophiyaanonni sanada seeraa qabeessa hin qabne rakkooleen qaban akka furamuuf waliigalameera.

Kana malees ilmaan lammiilee Ityoophiyaa kan itti baratan mana barnoota banuuf waliigalameera.

Hojii dipplomaasii daawwannaa kanaan raawwateen, iddoon ijaarsa bataskaana ortoodoksis heeyyamameera.

Dubaayii fi kutaa biyyaa Jaarjaatti hordoftoota amantaa piroteestaantiif iddoon kadhanna akka kennamuuf murtaa’uusaa, Emmireetota Arabaa Gamtoomaniitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Suleemaan Daddafoo dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.