Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni eebbifamtan nageenya fi misooma biyyaaf dhaabbachuun dirqama- Pirofessor Iyyaasuu Eliyaas

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Baratoonni eebbifamtan nageenyaa biyyaa qormaatni itti heddumate fi misooma biyyaaf dhaabbachuun dirqama jedhan Walitti Qabaan Boordii Yunivarsitii Haromayaa Fi Minister Deetaan Ministira Qonnaa Pirofessor Iyyaasuu Eliyaas.

Yuunivarsiitiin Haramaayaa guyyaa har’aa barattoota muummee garaagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 866 marsaa 67ffaaf eebbisiiseera.

Pirofessor Iyyaasuu Eliyaas sirna eebbichaarratti ergaa dabarsaniin, qaamolee Ityoophiyaa salphisuuf hojjatan faana akka biyya hinsalphisne abdii qaban ibsaniiru.

Baratoonni qaamaa fi biyya isin barsiise yaadachuu fi galateeffachuu dagachuu hinqabdan jedhaniiru.

Hawaasaa fi biyya qixaan tajaajiluun dirqama isanii ta’uu dhaamaniiru.

itti aanaan dhimma Barattootaa fi Bakka Bu’aan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Piroofeeser Jeeylaan Waliyii gama isaaniin, Yuunivarsiitiin Haramaayaa guyyaa hundeeffamerraa eegalee gosa barnootaa garagaraan hanga har’aatti barattoota kutamaan lakkaawwaman eebbisuun biyyaaf gumaacheera jedhan.

Barattoonni Har’a eebbifamanis abdii biyyaa ta’uu hubatanii daandii milkaa’ina akka itti fufsiisan dhaamuun baga gammadan jedhaniiru.

Addis Taammiraat fi Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.