Sagantaan tajaajila tola ooltummaa baatiiwwan Gannaa Naannoo Kibba Lixaatti eegalame
Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Ityoophiyaatti sagantaan tajaajila tola ooltummaa baatiiwwan Gannaa mata duree “Gaarummaa olka’iinsa Ityoophiyaaf” jedhuun Magaala Boongaatti eegalameera.
Sagantichaas Pirezidaantiin Naannichaa Dooktar Injinar Nagaasha Wageeshoo biqiltuu dhaabuun kan eegalchiisan yoo ta’u, waltumsuun calaqqee Ityoophiyummaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
Lammiilee harka qalleeyyii gargaaruun tumsa keenyaa argisiisuu qabnaa jedhan.
Waajjiri Pirezidaantii naannichaa manneen harka qalleeyyii 55 akka haaromsu saganticharratti ibsaniiru.
Akka naannichatti waliigalaan tajaajila tola ooltummaan manneen harka qalleeyyii kuma 2 fi 500 akka haaromfaman eerameera.
Manneen haaromsuu, biqiltuu dhabuu, qulqullina naannawaa dabalatee dameewwan 14rratti bobba’uun hojiin tajaajila tola ooltumma Gannaa kan gaggeffamu ta’aan eerameera.
Tasfaayee Mirreessatu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.