Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiiwwan garagaraa guyyaa har’aa barattoota barsiisaa turan eebbisaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Jimmaa Muummee barnootaa gargaraan barattoota digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan barsiisa ture eebbisiiseera.

Yuunivarsitichi barattoota eebbisiisee keessaa lammiilee biyya alaa saddeet digirii sadaffaan (Dooktireetiin), yeroo jalqabaaf Ispeeshaalistii Gadameessaan lammiilee biyyaa alaa 2 eebbisiiseera.

Yuuivarsitichi barattoota kuma 2 fi 509 guyyaa har’aa kan eebbisiise yoo ta’u, Pirezidaantiin Yuunivarsitichaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa, yunivarsitichii erga hundeeffamee lammiilee barnootaan ga’oomaan horachuun yunivarsitiiwwan hangaafaa keessatti kan ramadamu ta’uu eeraniiru.

Ammas taanaan biyyarraa darbee addunyaaf giddugala qorannoo bebbeekamoo ta’uuf tattaaffii cimaa taasisaa jira jedhaniiru.

Dabalataan Yuunivarsiitiin Diillaa barattoota digirii jalqabaa, 2ffaa fi 3ffaan barsiisaa ture kuma 1 fi 650 har’aa eebbisiiseera.

Abdurraamaan Mahaammad, Biqilaa Tufaa fi Addis Taammiraat gabaasan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.