Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ittaanaa Preezdaantii MNO obbo Awwaluu Abdiin durfamu Aanaa Gullisootti, Mana Barumsaa Ifa Boruu eebbisiise

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Jilli Ittaanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Gullisootti, Mana Barumsaa Ifa Boruu Gullisoo Sadarkaa 2ffaa eebbisiise.

Manni barumsichaa Birrii miiliyoona 37 oliin lafa heektaara 12.5 irratti  ijaaramuu ibsameera.

Manni Barumsichaa bara kana barattoota kutaa 9ffaa hanga 12ffaa barsiisaa jiraachuu fi  barattoota 786 keessummeessaa jiraachuu eerameera.

Eebbaan boodas jilichi mooraa Mana Barumsichaa keessatti biqiltu dhaabuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.