Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan Godina Baaleetti proojektoota misoomaa garaagaraa eebbisiisuun hojii eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) –Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Godina Baaleetti proojektoota misoomaa garaagaraa eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.

Manni barumsichaa Birrii miiliyoona 41 kan ijaarame yoo ta’u, daree barnootaa 24, mana kitaabaa fi mana yaalii dabalatee gamoowwan bulchiinsaa lama kan of keessatti qabu ta’uu ibsameera.

Manni barumsichaa barattoota kuma1 fi 200 keessummeessa jedhameera.

Bifuma walfakkaatuun obbo Shimallis Hospitaala Waliigala Baalee Roobeetti Giddugala Yaala Haadholii fi Daa’immanii eebbisiisaniiru.

Giddugalichi Birrii miiliyoona 40 kan ijaarame yoo ta’u, kutaawwan da’umsaa, daa’immanii, hordoffii ulfaa fi talaallii daa’immanii, kutaa baqaqsanii yaa’uu 3, laabiraatoorii fi mana qorichaa kan of keessaa qabu ta’uu eerameera.

Dhaabbanni Baatii Diimaa Eemireetota Araba Gamtoomanii giddugalichaaf meeshaalee yaala fayyaa ammayyaa guutuu ibsameera.

Jilichi godinichatti proojektiiwwan misoomaa garaagaraa erga eebbisiiseen booda biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabeera.

Bara bajataa 2014 keessaa akka kilaasatara magaalaatti proojektoota kuma 5 fi 782 bajata mootummaa, hirmaannaa ummataa fi deggersa qaamolee addaa addaatiin ijaaramaa turan xumuramuun tajaajila ummataaf qophii ta’uu ibsameera.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.