Fana: At a Speed of Life!

Naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti qamadii bonaan oomishi fooyyaa’a argamuu eerame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Barana Naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti jallisii bonaan oomishi qamadii fooyya’aan argamuu Biiroleen Qonnaa Naannolee lameenii ibsan.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu turtii FBC waliin taasisaniin, barana lafa hektaara kuma 350 ol bona qamadii oomishuun, hanga ammaatti oomisha lafa hektaara kuma 348 irraa walitti qabameen qamadii kuntaalli miiliyoona 13 ol argamuu ibsaniiru.

Oomishichi adda durummaan gama yuuniyenotaa fi waldaaleen gabaan akka tasgabbaa’uuf akkasumas warshaaleef akka dhiyaatu ta’eera jedhan.

Dabalataan, galtee sanyii filatamaaf akka fayyadaman ibsaniiru.

Ittaanaa Hoogganaa Biiroo Qonnaa Naannoo Amaaraa Obbo Qaalkidaan Shifarraa gama isaaniin, lafa hektaara kuma 40 ol xiyyeeffanaa kennuun misoomsuun oomishaa qamadii bonaan gaggeeffamuu himaniiru.

Hanga ammaatti lafa hektaara kuma 35 ol irraa oomisha walitti qabameen qamadii kuntaalli miiliyoona 1.4 argameera jedhan.

Hoji Gaggeessaan Warshaa Nyaataa Acha Kompilex Obbo Yaareed Xilaahuun fi Ittaanaa Hoji Gaggeessaa Warshaa Nyaataa Afriikaa Kompilex Ayishaa Huseen gama isaaniin, biyyattitti qamadiin bal’inaan oomishamuun, caalmaan akka oomishnu nu taasiseera jedhan.

Gabaa tasgabbaa’aan akka jiraatu taasisuus eeranii, qamadii bonaan paastaa, makaroonii fi tajaajiloota biroof itti fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Mahaammad Aliitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.