Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii 1ffaan Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa boru gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Yaa’ii 1ffaan Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa boruurraa eegalee Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffama.

Jilli Ittaanaa Pirezidantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraan durfamu Magaala Hawaasaa galeera.

Jilichi yaa’iicharratti kan hirmaatu yoo ta’u, wayita buufata xiyyaaraa Hawaasaa ga’anis Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Sidaamaa, Pirezidaantii Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Aadde Masarat Masqalee, Kantiibaa Magaala Hawaasaa Pirofeessara Gargaaraa Tsaggaayee Tukkee fi hoggantoonni biroon simataniiru.

Yaa’iin liigii dubartootaa paartichaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamuun magaalichaaf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.