Gindhiiritti maallaqni sobaa Birriin kumni 47 ol to’atame
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Godina Baalee Bahaa Magaalaa Gindhiiritti maallaqni sobaa Birriin kumni 47 fi 400 to’atamuu Waajjirri Poolisii Magaalichaa beeksise.
Itti gaafatamaa Kutaa Qorannoo Yakkaa Waajjiraa Poolisii magaalichaa Saajin Olaanaa Geetuu Raggaasaa, shakkamaan Godina Arsii Lixaa irraa Birrii kuma 56 qabatee dhufuu fi Birrii kuma 8 Aanaa Raayituutti sharafuun, Birrii kuma 47 fi 400 waliin Magaalaa Gindhiiritti to’atamuu himaniiru.
Maallaqni sobaa kun abbaa noottii 200 ta’uu fi eeruu hawaasaarraa argameen, qindoomina qaamolee nageenyaatiin to’atamuun eerameera.
Shakkamaarratti qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu eeranii, hawaasni mallaqa sobaan akka hinburjaajofne of eeggannoo taasisuu akka qabu ibsaniiru.
Hawaasni gochaan akkanaa wayita quunnamuun eeruu kennuun daddabarsa maallaqa sobaa ittisuuf tumsa akka taasisan dhaamuu ragaan kominikeeshinii Godinaa Baalee Bahaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.