Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Waltajjii marii misoomaa idil addunyaa hoggantoota ‘BRICS’ irratti hirmaatan
Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad kan Preezdaantii Chaayinaa Zhi Jiinpiingiin qophaa’e, yaa’ii misoomaa idil addunyaa ‘BIRICS Plus’ kan dureewwan Biraaziil, Raashiyaa, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa haammate irratti hirmaataniiru.
Yaa’icharratti hirmaachuutti gammachuu isaanitti dhaga’ame kan ibsan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, “Waltajjiiwwan akkanaa waloodhaan hojiirra kan oolfaman taanaan, qorumaatilee damee hedduu akka hawaasa idil-addunyaatti nu mudatan hiikuuf gumaacha olaanaa qabu” jedhaniiru.
Walta’iinsi biyyoota BRICS hariiroon ummatoota gidduu akkasumas haammattoowwan siyaasaa fi dinagdee cimuu akka qaban walga’ichaan eerameera.
Hoggantoonni BRICS dameewwan garagaraan walta’iinsa isaanii cimsuun yeroo yeroon walga’uu akka qaban, dhimmoota yeroo idil addunyaarrattis furmaata gama isaanii kennuu akka qaban addatti Afriikaa Kibbaarraa yaadni dhiyaateera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti galmoota misooma waaraa 2023 milkeessuuf qabeenya isaanii qindeessuu fi walta’iinsaan hojjechuu akka qaban hooggantoonni walga’ii kanarratti eeraniiru.
Yaa’iin biyyootaa BRICS 14ffaa Preezdaantiin Chaayinaa Zhi Jiinpiing kan marsariitiin hogganan kanarratti, Preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaa, Preezdaantii Biraaziil Jaayeer Bolsoonaaroo, Preezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin fi Muummeen Ministiraa Hindii Naraandiraa Moodii hirmaataniiru.
Yaa’ii kanarratti Muummeen Ministiraa Abiy Ahimadis affeeramanii hirmaataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.