Dhaabbileen Sab-qunnamtii odeeffannoowwan duudhaalee waliin jireenyaa laaffisan tamsaasurraa of qusachuu qabu-Mana Maree Federeeshinii
Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Sab-qunnamtii odeeffannoowwan duudhaalee waliin jireenya hawaasaa laaffisan tamsaasurraa akka of qusatan, Mana Maree Federeeshinii hubachiise.
Hiikkawwan heera mootummaa sirnaan hawaasa hubachiisuurratti, ”Gahee miidiyaalee fi Mana Maree Federeeshinii” jedhuun ogeeyyii miidiyaaleef Adaamatti leenjiin kennamaa jira.
Itti Aantuun Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aadde Zahaaraa Umaad leenjicharraatti, miidiyaaleen yaadota garaagartee babal’isanirra, kanneen duudhaa waloo ganamaa jabeessanirratti itti aafatamummaan hojjechuu qabu jedhan.
Sabaa fi sablamoonni 76 Mana Maree Federeeshinii keessaa bakka bu’aa kan qaban yoo ta’u, dhaabbileen miidiyaas, mirga odeeffannoo argachuu hawaasaa guutuuf, Afaanota garagaraan odeeffaannoo kennuu qabu jedhameera.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.