Manni Marichaa Komishinichi sarbama mirga namoomaa garee shororkeessaa Shaneen raawwatame qulqulleeffachuun akka dhiyeessu ajaje
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota UUmmataa Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaa garee shororkeessaa Shaneen naannoo Gaambeellaa fi godina Wallagga Lixaatti raawwatame qulqulleeffachuun akka dhiyeessu ajaje.
Manni marichaa ibsa guyyaa har’aa baaseen, miseensonni mana marichaa wayita uummata waliin marii taasisanii turanitti mootummaan nageenya uummataa fi naannawaasaa akka kabachiisuuf gaafachaa turuu yaadachiiseera.
Gaaffii uummataa ka’umsa godhachuun itti heeraa ba’achuuf seera kabachiisuuf wanta barbaachisaa hunda raawwachaa jiraachuu ibsameera.
Duula seera kabachiisuurratti komiiwwan garaagaraa ka’uu bu’uureffachuun Koreen Dhaabbii dhimmoota seeraa, Haqaa fi Diimookraasii naannolee Oromiyaa fi Amaaraatti komii seera malee namoonni to’annoo seeraa jala oolan jiru jedhuun dhiyaate ariitiin qorachuun mana marichaaf akka dhiyeessuuf ergamni itti kennamee hojiirra jiraachuu eereera.
Gama biraan tibbana naannoo Gambeellaa fi godina Wallagga Lixaatti bakkeewwan murtaa’anitti garee shororkeessaa Shaneen lammiilee nagaarra gochaan gara jabeenyaa raawwatamuu manni marichaa ibseera.
Manni marichaa hanga miidhaa qaqqabee fi deeggarsa ariifachiisaa barbaachisu gama korichaan qulqullaa’ee akka dhiyaatu ajaja dabarseera.
Raga dhiyaatu ka’umsa godhachuun Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa deeggarsa barbaachisaa lammiilee kanneeniif akka dhiyeessu qajeelfamni kennamuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Dabalataanis Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa dhimmoota sarba mirga namoomaan walqabatan qulqulleeffachuun akka dhiyeessu manni marichaa ajaja dabarseera.
Murtoo fi deebii ragaarratti hundaa’e kennuun akka danda’amuuf Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon gareewwan dhimmoota yeroo qulqulleeffatan 2 miseensota mana marichaarraa walitti babba’an hundeessuun bobbii laachuu beekameera.
Gareewwan kunneen hojii isaanii akka xumuraniin bu’aasaa uummataaf kan ifoomsan ta’uu fi kallattiin kan itti kennamu ta’uu beeksiseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.