Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichii fi Dhaabbanni Misooma Indaastirii DhMG dhimmoota garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii fi Dhaabbanni Misooma Indaastirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimmoota garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigaluu ibsameera.

Dhaabbatichatti Bakka Buutuu fi Daayrektarri Biiroo Riiginaalaa Awuureeliiyaa Paartiziyaa Kaalaabroon, dhaabbatichi ministeericha waliin ta’uun naannolee sababa waraanaan miidhamanitti proojektii fayyadamummaa diinagdee fi hawaasummaa dubartootaa mirkaneessu bocuun gara hojiitti hiikuuf qophiirra jiraachuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartoota fi Daa’immanii Dooktar Ergoogee Tasfaayeen gamasaaniin, hojiilee misoomaa fi deeggarsaa dhaabbatichi lammilee fayyadamoo taasisuuf Ityoophiyaatti hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Sababa waraana kaaba biyyattiitti mudatee tureen dubartoota miidhaan koorniyaa irra ga’e rakkoo xiin-sammuu isaanirra ga’erraa dandamachiisuu fi gara jireenya fayyaalessaatti deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeruun, dandeettii diinagdee isaanii guddisuuf leenjii carraa hojii uumuurratti dhaabbatichi deeggarsa akka taasisu amantaa qaban ibsaniiru.

Yeroo itti aanutti ministeerichi Dhaabbata Misooma Indaastirii DhMG waliin sagantaalee dubartoota rakkoo keessa jiran fayyadamoo taasisan irratti hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

 Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.