Fana: At a Speed of Life!

Himatamtoonni namoota 6 haala suukaneessan ajjeesan adabbii umrii guutuu adabaman

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Godina Beenchii Shakkoo aanaa Kibba Beenchii ganda Jaanchuutaatti himatamtoonni namoota 6 haala suukaneessaan ajjeessan 4 hidhaa cimaa umrii guutuu fi waggaa 25 adabamuu Manni Murtii Olaanaa godinichaa beeksiseera.
Eebila 19, 2013 halkan keessaa naannoo Sa’aatii 6:00 – 9:00tti meeshaalee waraanaa fayyadamuun ganda Jaanchuutaatti namoota 6 haala suukaneessaan erga ajjeesanii qabeenya isaanii saamuu fi gubuu ibsameera.
Mootummaaf ragaa laattan jechuun yakka ajjeechaa, saamichaa raawwachuu fi qabeenya gubuu isaanii qorannoon mirkanaa’uu himameera.
Himatamtoonni kunneen namoota yakka ajjeechaa irratti raawwatan keessaa 3 mana jireenyaa isaanii waliin gubuu ragaa namaa fi sanadaa Abbaan Alangaa godinichaa dhiyeesseef ragaa ittisaa dhiyeeffachuu dadhabuu isaaniin manni murtichaa murtoo baleessummaa irratti dabarseera.
Manni Murtii Olaanaa Godina Beenchii Shakkoo dhaddacha yakkaa guyyaa har’aa ooleen akkaataa seera yakkaa FDRI keeyyata 117 muraa 1tiin himatamtoota 2ffaa fi 3ffaa adabbii cimaa umrii guutuu itti murteesseera.
Himatamaan 1ffaa fi 4ffaan ammoo kana dura yakka raawwatan waan hin beekneef tokkoon tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 25n isaan adabuu ragaan Komishinii Poolisii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.