Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Haqaa fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa misooma humna namaarratti waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Ministeerri Haqaa fi Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa misooma humna namaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaan.

Deetaan Ministiraa Ministeera Haqaa Alamantee Agidawu, qajeelfama ba’uu ammayyeessuu fi raawwii hojii abukaatotaa teeknooloojiin deeggaruuf waliigaltechi murteessaadha jedhan.

Haaluma kanaan Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa, tumsa taasisuuf waliigaluu eeranii, daandii qilleensichaa waliin hojjechuunis kabaja jedhan.

Dhaabbileen haqaa amala addaa qabaniin bu’aa isaa qofa utuu hintaane, adeemsa haqaas ammayyeessuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Waliigaltechi milkaa’ina kana kan tumsu ta’uu himanii, bu’uuruma waliigaltechaan hojicha gara qabatamaatti kan jijjiiruuf amantaa qaban ibsaniiru.

Qondaalli Olaanaa Odeeffannoo Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Geetinnat Taaddasaa, dandichi misooma humna namaa, faayinaansii fi sirna bittaa ammayyeessuuf hojmaata diriirsuun hojiirra oolchuurratti muuxannoo waggoota 15 akka qabu dubbataniiru.

Muuxannoo kanas waajjiraalee mootummaa garagaraaf, qoodaa jiraachuu kaasuun, keessumaa misoomaa humna namaa gama ammayyeesuun ogeeyyii ofii isaa horachuun kanneen biroof illee ga’aa jira jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.