Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Inistiityuutiin Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii yeroo jalqabaaf ogeeyyii leenjisuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti isa jalqabaa kan ta’e ijaarsi Inistiityuutii Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii xumuramuun ogeeyyii leenjisuu eegaleera.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Baayyisaa Badhaadhaa ogeeyyii kalaqaa waliin mari’ataniiru.
Ijaarsi Inistiityuutichaa xumuramuu hordofee eebba isaaf hojiin kalaqaa filatamoo ta’an akka dhiyaataniif ogeeyyii kalaqaa simachuun dandeettii isaanii akka gabbifatan deeggarsi taasiifamaa jiraachuu ibsameera.
Kalaqaalee rakkoo hiikuu danda’an kalaquuf ogeeyyiin barattoota kennaa addaa qaban simatamaniif hojiilee fakkeenya ta’an qabatanii akka dhiyaatan Dooktar Baayyisaa hubachiisaniiru.
Wanti hin danda’amu jedhame akka danda’amu mul’isuuf adeemsi bu’aalee kalaqaa gara qabeenyatti jijjiiruu, ce’umsa teeknooloojii gabbisuu, teeknooloojii biyya keessaa ammayyeessuu, carraa hojii uumuu fi teeknooloojii alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun umrii hiyyuummaa gabaabsuu qabna jedhan.
Ogeeyyii kalaqaa deeggaruun abbaa bu’aalee Innooveeshinii fi teeknooloojii akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuu Daayrektarri olaanaan Inistiityuutii Misooma Kennaa Addaa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Dooktar Hirphaasaa Caalaan himuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.