Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen 24 baajata eeyyamameefiin ol fayyadamaniiru jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Baajata isaaniif eeyyameen ol kanneen fayyadaman dhaabbileen 24 argamuu Oodiitarri Olaanaa Federaalaa beeksise.

Waajjirrii Oodiitara Olaanaa Federaalaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf gabaasaa dhiyeesseen waajjiraaleen 24 ramaddii herregaa addaa addaatiin utuu hineeyyamsiisiin fi baajata utuu hinnaannessin baajata eeyyamaameefiin olitti herregni baasii ta’e argamuu mirkanaa’uu eereera.

Baajata idilee Birrii miiliyoona 645 fi kuma 198 ol ta’uun ibsameera.
Ramaddii heerrega adda addaatiin, dhaabbilee baajata eeyyamameefiin ol fayyadaman keessaa Yuunivarsiitiin Teekinikaala Ityoophiyaa, Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo, Yuunivarsiitii Wallaggaa, Yuunivarsiitii Gaambeelaa, Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Yuunivarsiitii Walqixxee fi Yuunivarsiitiin Miizaan Teeppii kanneen eeramaniidha.

Dhaabbileen kunneen koodiiwwan heerregaan, baajata eeyyameef %10 ol kan hinfayyadamne fudhachuun, waliigalaan Birrii miiliyoona 12 fi kuma 12 baajataa ittiin hinhojjetamne argamuu ibsameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.