Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuuwwan bara kana dhaabbiif qophaa’aan keessaa % 52 wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaran ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Biqiltuuwwan bara kana dhaabbiif qophaa’aan keessaa % 52 wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaran ta’uu Ministeerri Qonnaa Beeksise.
Bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan biiliyoona 7.6 dhaabbiif qophaa’e keessaa % 52 wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf kan garagaaraan ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen ibsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan har’a guutuu biyyattiitti eegaluu himaniiru.
Sagantaan eegalchiisaa guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad, Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin, Preezdaantoonni naannolee fi qaamoleen garaagaraa argamanitti ifatti gaggeeffameera.
Waggoota sadan darban Biqiltuuwwan akaakuun garaagaraa biiliyoona 18 dhaabbachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa % 80 latuu eeraniiru.
Dhaabbii Biqiltuu waggoota Sadan darban gaggeeffamerratti waggaa waggaan giddugaleessaa lammiileen kumni dhibbi 1 fi kumni 84 hirmaachuu fi maallaqatti yoo tilmaamame Birrii biiliyoonni 1.3 ta’a jedhan.
Bara kana Biqiltuu biiliyoona 6 dhaabuuf karoorfamus hanga ammaatti biqiltuuwwanbiiliyoonnii 7.6 qophaa’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.